Jump to content

Poortaalii:Oromiya

Wikipedia irraa


Oromiyaa

Oromiyaa (kan yoo Ingiliffa keessatti yeroo tokko tokko Oromia jedhame kan barreeffamu, garuu barreeffama Afaan Oromoo keessatti Oromiyaa jedhamee beekama) kun immoo kutaalee Itoophiyaa kurnan keessaa tokko taate dha. Ballinaa lafa bahaa hanga kibba-dhihaa biyya keessatti 353,632 km² ta'ee qabatee, baayyinaa ummataa bara 2002 tilmamee hanga miliyoona digdamii-afurii qabdi, kunis ballina lafaa fi baay'ina ummataan biyyaa keessaa tokkofaa ishee tasisaa. Isheenis kan ofii keessa qabduu: kutaa Arsii, Baalee, Harargee, Iluu Abbaa Booraa, Kafaa, Shawaa, Sidaamoo fi Wallagga of keessaa qabdi, Booranaa fi Gujiin Sidaamoo jalatti walitti qabama turan. Magaalaan guddoon Oromiyaa yeroo amma Finfinnee yoo taatu, kan ammaa yero sana garuu Adaamaadha. Bara booda gaaffii sababni Oromoo gaafateen booda gara Finfinneetti deebbite. Magaallan gugguddoon biraa Oromiyaa keessatti argaman Adaamaa, Amboo, Asallaa, Bishooftuu, Dambidoolloo, Fiichee, Gimbii, Gobbaa, magaalaa Jimmaa, Mattuu, Nagallee Booranaa, Naqamtee,ciroo,haararr,Shaashamannee fi Walisoo dha.


Barruu gaarii
Finfinneen magaalaa guddoo mootummaa naannoo Oromiyaa fi Itoophiyaati. Akka lakkoofsa lakkoofsa ummataa 2007 goddhameetti, Finfinnee keessatti ummanni 2,739,551 ni jiraata. Finfinnee keessatti sabaa fi sab-lammonni baay'een kan jiraatan yoo ta'u, kanneen keessaa Amaarri 47.04%, Oromoon 19.51%, Guraageen 16.34%, Tigree 6.18%, Silxee 2.94%, Gaamoo 1.6803% ta'u.

Afaan Oromoo afaan baay'innaan Afrikaa keessatti dubbataman keessaa sadarkaa afraffaa irra jira. Kana jechuun afaan Arabaa, afaan kiSwahiliitiif, afaan Hawusaatti aana jechuudha. Afaan Arabaa fi afaan Kiswaahilii afaan biyya ormaa yoo ta'an, Afaan Oromoo afaan Afrikaa keessatti dubbatamu keessaa tokkoffaa ta'a; osoo mootummaa qabaatee immo addunyaa irraatti sadarkaa sadaffaa ta'u ni mala.


Godinaalee Oromiyaa

Booranni godiina Oromiyaa keessa jiran keessaa tokko dha. Laftii Booranaa kibbaan Keeniyaan, dhihaan Saba, Sabotta fi Ummatta kibban, kaabaan Baalen (Booranaa fi Baale jiddu Laga Gannaalee Doriya ttu ce'a), bahaan immo Sumaaleen dangeffamtee argamti. Bakki dheeraan lafa Booranaa keessatti argamu Gaara Dara Xiniro tti. Aanolee Booranaa gugguddoon Moyyaalee, Nageellee Booranaa, Yaaballoo fi Bulee Horaa jedhamu.

Aanolee Oromiyaa

Aanaan Iluu aanolee naannoo Oromiyaa keessaa tokko yoo ta'u Godina Shawaa Kibba Lixaa keessatti argama. Iluun karaa dhihaa Daawodhaan, karaa kaabaa Shawaa Dhihaatin, fi karaa bahaa Laga Awaash kan Alam Ganaa irraa adda baasun daangeffamtee argamti. Magaalonni aanaa kana keessa jiran Dabra Gannatii fi Tajii dha.

Wiikipiidiyaa Afaanota Afrikaa kan Biraatin